Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin 2ffaa Paartilee Siyaasaa Afrikaa har’a Finfinneetti eegala

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2019 (FMC)- Yaa’iin 2ffaa Paartilee Siyaasaa Afrikaa har’aa eegalee Finfinneetti gaggeeffama.

Yaa’icharratti Dureewwan Paartilee Siyaasaa Biyyoota Afrikaa, Miseensonni Paarlaamaa fi Ministiroonni ni hirmaatu.

Sagantaa har’aatiin Yaa’iin hoggantoota Dubartootaa Paartilee siyaasaa Afrikaa fi Dargaggonni waltajjii kan eegalan yoo ta’u, gahee dubartootaa fi Dargagootaa hirmaannaa hoggansaa keessatti qabanirratti ni mari’atu.

Yaa’ii Boru gaggeeffamuun Paartileen Siyaasaa Ce’umsa diinagdee Ardichaa, oomishtummaa, Carra Hojii Dargaggootaa, Tumsa Damee Dhuunfaa, Misooma Magariisaa fi Indaastirilaayizeeshiniirratti ni mari’atama.

Yaa’icharratti Dureewwan Biyyoota 20, Miseensoonni olaanaa Paarlaamaa 80 ol ta’aniifi Ministiroonni akkasumas, Bakka Butoonni Paartilee Siyaasaa Ardii Afrikaarraa walitti baba’an kumni 1 ol ni hirmaatu jedhameera.

Waltajjichaan muuxannowwan fooyyeessii diinagdee gooroo Itiyoophiyaa, Qonna, Indaastirii, Tuurizimii fi Misoomni diinagdee Dijiitalaa, Misoomni Koriidarii akkasumas Hidha Gddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa dabalatee piroojektoota tarsimaawaan jiran ni dhiyaatu.

Masaafinti Birilleetu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.