Bara kana tuuristoonni alaa miiliyoonni 1 fi kumni 300 Itiyoophiyaa daawwataniiru- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Waxabajjii 26, 2017(FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad bara kana tuuristoonni alaa miiliyoona 1 fi kuma 300 ta’an Itiyoophiyaa daawwataniiru jedhan.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad walga’ii idilee 42ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa gaggeeffamaa jirurratti argamuun yaadaa fi gaaffii miseensota mana marichaarraa ka’aniif ibsaa fi deebii kennaniiru.
Hojiin fooya’iinsi godaansaa, daandii qilleensaa, hoteelotaa, bakkeewwan gahumsa tuurizimiifi misoomni kooridarii lakkoofsi tuuristootaa dabalaa dhufuuf sababa ta’uu eeran.
Bara kana Paarkii Tokkummaa, Paarkii Michummaa, Godambaa Saaynsiifi Masaraa Mootummaa Biyyaalessaa namoonni miiliyoonni 1 fi kumni 500 daawwachuufi galii Birrii biiliyoonni walakkaa ol irraa argamuu ibsaniiru.
Waggoottan muraasa darbanitti namoonni miiliyoonni 13 fi kumni 300 bakkeewwan kanneen daawwachuu yaadachiisaniiru.
Bara kana Konfiransiiwwan idil-addunyaa 150 ol keessumeeffamuus yaadachiisanii, kan bara darbeen dachaa hedduu caala jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.