Fana: At a Speed of Life!

Bara dhufu Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf oomisha gaazii gabaaf ni dhiyeessiti– Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2017 (FMC) – Sadarkaa mootummaatti dhaabbilee humna qaban seektaricharratti akka bobba’an taasisuun, Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf bara dhufu oomisha Gaazii gabaaf dhiyeessuu ni eegalti jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Itiyoophiyaan biyya kuufama albuudaa hedduu qabduudha.

Kunis sababa xiyyeeffannoo dhabeef diinagdee Itiyoophiyaa osoo hin tubiin ture jedhan.

Bara darbe Warqee toonii 4 alatti argame, bara kana ammoo tooniin 37 alatti argameera jedhan ibsa kennaniin.

Bara dhufu Ititoophiyaan yeroo jalqabaaf oomisha gaazii gabaaf dhiyeessuu ni eegalti jedhan.

Hojiin oomisha gaasii baasuu marsaan jalqabaa xumurameera marsaan 2ffaan itti fufa jechuun ibsan.

Hojiin Oomsiha gaazii baasuu mootummaa Chaayinaa waliin, kan Indaastirii Xaa’oo ammoo Dhaabbata Aliikoo Daangootee waliin qindoomuun kan hojjetamuu ta’uu dubbatan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.