Fana: At a Speed of Life!

Imala guddina dinagdee bu’uura cimaa irratti ijaarame

Finfinnee, Onkoloolessa 24, 2019 (FMC) – Ciminniifi fayyummaan dinagdee biyya tokkoo kan madaalamu milkaa’ina dameewwan oomishaa, bu’a qabeessummaa tajaajilaa, cimina dhaabbilee faayinaansii akkasumas dhiibbaa jireenyaa lammiilee irra ga’u salphisuun badhaadhina itti fufiinsa qabuuf bu’uura cimaa kaa’uunidha.

Kana ilaalchisee, agarsiistonni ijoo dinagdeen Itoophiyaa kurmaana jalqabaa bara baajataa 2019 keessatti agarsiise, biyyattiin karaa dinagdee abdachiisaafi daandii guddina gaarii irra jiraachuu ishee mirkaneessu.

Milkaa’inni dameewwan oomishaafi tajaajilaa keessatti mul’achaa jiru dandeettii biyya keessaa guddisuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jira. Keessumaa damee industirii keessatti, oomishaalee warshaa, meeshaalee ijaarsaa, maddisiisa anniisaa elektiriikaafi oomishaalee sibiilaa irratti fooyya’iinsi mul’ate, dandeettiin oomishtummaa biyya keessaa sadarkaa olaanaadhaan dabalaa dhufuu isaa agarsiisa.

Haaluma wal fakkaatuun, dameewwan aviyeeshinii, turizimiifi baankonni dandeettii liqii kennuu isaanii guddisuun dameen tajaajilaa sochii gaarii agarsiiseera.

Maddi oomishaafi tajaajilaa dameewwan adda addaa keessatti babal’achuun dhiyeessii biyya keessaa dabaluudhaan yeroo dheeraa keessatti tasgabbii gatii amanamaa ta’e uumuuf bu’uura kaa’a.

Guddina dinagdee waliin walqabatee, ciminni damee faayinaansiifi tasgabbiin sirna maallaqaa argisiise milkaa’ina biraati.

Dhuma ji’a Fulbaana bara 2019tti, baay’inni maallaqa bu’uuraa guddina waggaa dhibbeentaa 87.2 galmeesseera. Kunis yeroo walfakkaataa bara darbee keessatti dhibbeentaa 72.6 ture waliin yoo madaalamu daballii guddaa agarsiisa. Daballiin kunis Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa bittaa warqee gaggeesse, kuusaan sharafa alaa dabaluufi maallaqni dabalataa baankota keessa seenuu waliin kan walqabatudha.

Daballiin waggaa dhiyeessii maallaqaa waliigalaa bara darbe dhibbeentaa 33.2 ture amma gara dhibbeentaa 40.2tti ol guddateera. Kunis oomisha waliigalaa biyya keessaa (GDP) tilmaamamu waliin yoo madaalamu sadarkaa olaanaa irra jiraachuu isaa odeeffannoon Baankii Biyyaalessaa ni mul’isa.

Fooyya’iinsi dinagdee biyya keessaa osoo hin jalqabin dura, guddina maallaqa waliigalaa keessatti liqiin biyya keessaa qooda olaanaa qaba ture. Amma garuu haalli kun jijjiiramee, kuusaan sharafa alaa qulqulluun qooda olaanaa qabatee jira.

Dabalataanis, maallaqni baankota keessatti kuufamuufi waliigalli liqii kennamuun baankotaa sadarkaa olaanaadhaan dabaluun, dandeettiin dhaabbileen faayinaansii qabeenya walitti qabuu fi dinagdeef liqii barbaachisaa ta’e dhiyeessuu isaanii guddachaa dhufuu agarsiisa. Baankonni kaappitaala gahaa qabaachuun haala fayya qabeessa ta’een argamuun isaanii immoo tasgabbii sirna faayinaansii waliigalaaf wabii ta’eera.

Kunis lakkoofsaan yeroo ibsamu, baankonni kurmaana kana keessatti: Kuusaan maallaqaa isaanii dhibbeentaa 85.4 guddina waggaa galmeesseera; Waliigalli kuusaa liqii kennanii dhibbeentaa 4.6 guddina waggaa galmeesseera.

Gama biraatiin, sirni imaammata baajata mootummaa (Fiscal Policy) fi imaammata maallaqaa (Monetary Policy) cimaa mootummaan hordofaa jiru tasgabbii dinagdee mirkaneessuu keessatti gumaacha guddaa taasisaa jira.

Mootummaan kurmaana jalqabaa bara baajataa kana keessatti Baankii Biyyaalessaa irraa liqii gosa kamiiyyuu fudhachuu dhabuun isaa, tarkaanfiin kunis ji’oota 27 darban keessatti cimee itti fufuun isaa, cimina sirna bulchiinsa baajata mootummaa agarsiisa.

Fedhii baasii mootummaa liqii kallattiidhaan Baankii Biyyaalessaa irraa fudhatamuun haguuguu irraa of qusachuun, hanqina maallaqaafi dhiibbaa gatii to’achuuf tarkaanfiiwwan imaammataa bu’a qabeessa ta’an keessaa isa tokko.

Dinagdeen Itoophiyaa oomishtummaa dameewwan oomishaatiin agarsiise, cimina dhaabbilee faayinaansii, sochii damee tajaajilaa keessatti mul’ateefi bulchiinsa baajata mootummaa cimaa hordofuun, gara daandii guddina amanamaafi itti fufiinsa qabuutti ce’aa jira.

#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa

Malkaam Fiqaaduutiin

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.