Fana: At a Speed of Life!

Eertiraa waliin walitti bu’iinsi uumame hin jiru –MM Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2017 (FMC) –Biyya ollaa Eertiraa waliin walitti bu’iinsi uumame hin jiru jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Michuuwwan keenya eegaa, kan nu jibban ammoo haalaan hubachuu madaala keenya eeguun of eeggannoon sochoona jedhan.

Haala idil addunyaa sirnaan hubachuun faayidaa biyyaalessaa eeggachaa adeemna jechuun ibsan.

Daangaan Itiyoophiyaa haala ifa ta’een daangeeffamuu dhabuun isaa karaa hundaan atakaroo keessa akka jiraannu taasiseera.

Rakkoon Itiyoophiyaa biyyoota ollaaf rakkoodha, rakkoon biyyoota ollaas Itiyoophiyaaf rakkoodha kanaaf,sirna kennanii fudhachuun wal utabaa waliin jiraanna jechuun kaasan.

Itiyoophiyaan biyya guddoodha biyya ololaan diigamtuu miti.

Gama Eertiriyaan waraanni akka ka’uuf jirutti ololli ololfama, garuu wanti hubatamuu qabu nuti biyyattiirratti dhukaasa takkayyuu dhukaasuu hin feenu, gara fuulduarrtti hin filannu jedhan.

Dhimma kamiiyyuu marii fi marii qofaan fufuuf ejjennoo qabna jedhan gaaffilee dippiloomaasii ilaalchisee ka’eef deebii wayita kanneen.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.