Fana: At a Speed of Life!

Tigraayiin kan barbaachisu nageenyaa fi mariidhaan rakkoo furuudha

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2017 (FMC)- Tigraayiin kan barbaachisu nageenyaa fi mariidhaan rakkoolee mudatan furuudha jedhan Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf waa’ee nageenyaa Naannoo Tigraayirratti ibsa kennaniin, waliigalteen Piriitooriyaa uummata Tigraayiif boqonnaa kennuu fi dargaggoota isaanii baraareera.

Gama biraan waliin mariin rakkoo furuu fi walitti bu’iinsa karaa nagaan xumuruun waan danda’ameef  Itiyoophiyaaf ammoo aadaa haaraa fideera.

Naannichaatti dhaabbileen tajaajila dhaabanii turan hojii eegaluu fi  mootummaan hundeeffameera.

Namoonni qe’eesaaniirraa buqqa’an deebi’uu fi garuu kanneen Walqaayit jiran kan hindeebine ta’uu dubbatan.

Kanneen buqqa’aan qe’ee isaanii duraatti deebi’uu akka qabanii fi adeemsi hidhannoo hiikkachiisuufi hidhattoota duraanii hawaasatti makuu hojiirra ooluu akka qabudha kan himan.

Rakkoolee naannichaa akka rakkoo mootummaa federaalaatti ilaaluun akka jiru kaasuun, ammallee mootummaan federaalaa nageenyi naannichatti akka mirkanaa’uuf ejjennoo jabaa qaba.

Yeroo ammaa ummanni Tigraay waraana hinbarbaadu jedhanii, Tigraayiin kan barbaachisu nageenyaa fi mariidhaan rakkoo furuudha.

Abbootiin amantaalee fi dhaabbilee nu galcha jedhanis Tigraay gara walitti bu’iinsaa fi waraanaatti akka hinseennee taasisuuf  saffisaan hojii eegaluu akka qaban hubachiisan.

Naannoo biyyattii kamittuu garaagarummaan yoo jiraate mariin furuun baratamuun barbaachisaa ta’u kaasan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.