Fana: At a Speed of Life!

Gujiin Lixaa lafaaf namaan Ayyaantuu, sirnaan Gadaadha; namaan qaroo, lafaan sugaa guutuudha – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2017 (FMC) – Gujiin Lixaa lafaaf namaan Ayyaantuu, sirnaan Gadaadha; namaan qaroo, lafaan sugaa guutuudha jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Gujiin Lixaa fakkeenya jabeenyaa, kutannoofi godambaa eenyummaa Oromooti jedhan.

Daawwannaa sochii misoomaa tibbanaa ittifufnee Godina Gujii Lixaatti magaalaafi baadiyaa, oyiruufi qe’ee qoteef horsiise bulaatti argamuun woyyooma isaa agarre.

Hawaasa keenya kana gidduutti argamuun, fedhiifi hawwii isaa dhaggeeffachuun, akkasumas imala badhaadhinaa irra jirru ijaaf qalbiin arguun kiyya yeroo hunda kabaja olaanaa natti hora jechuun ibsan.

Piroojektii bishaan dhugaatii, kilaastaroota inisheetivii qamadii, sochii caasaalee gandaa, mana murtii aadaa, buufata fayyaa, varmi koompoostifi kompoostii idilee, buna, qurxummii, mudura, Giddugaleessa Kiliinika Eegumsa Fayyaa Biqiltuu Bulee Horaa, piroojektii Galma Tokkummaa Godina Gujii Lixaa kanneen daawwanneedha.

Waan hundaan jalqabbii gaariin jiru akkuma jirutti ta’ee, addatti haalli sochii caasaa gandaa, mana murtii aadaafi kilaastarri inisheetivii qamadii hedduu na’onnachiiseera.

Haata’u malee, wadaa bira tarree gara guddina ummanni ijaan arguufi jireenya isaa guyyuu keessatti dhandhamutti ce’uun dhimma dirqamaa waan ta’eef, karoorrifi raawwiin keenya yeroo mara dilbii olaanaa qabnu waliin walsimuu akka qabu cimsee hubachiisuun barbaada jedhan.

Misoomni Gujii Lixaa keessatti hojjetamaa jiru muldhata baldhaa guutuu Oromiyaaf qabnuuf calaqqeedha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa dinagdee naannichaa damdaneessuufi dilbii golee naannoo keenyaa hunda misoomaaf oolchuuf kutannoo hinreeqqifneen kan hojjetu ta’uu asumaan mirkaneessuun barbaada jechuun kaasan.

Gamtaan taanee, ariitiifi kutannoon hojjennee, Oromiyaa ofdandeetteefi badhaatuu ni’ijaara!

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.