Ce’umsi Interpiraayizootaa bu’ura Indaastirii fi Badhaadhinaati – BCHUOO
Finfinnee, Waxabajjii 30, 2017 (FMC) – Ce’umsi Interpiraayizootaa bu’ura Indaastirii fi Badhaadhinaati jedhe Biiroon Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa.
Biirichi Interpiraayizoota kilaastara lixaa Magaalaa Jimmaatti ceesiseera.
Biirichi tarsiimoo mootummaan daragaggoota diingdeen humneessuuf qabate milkeessuuf hojiilee carraa hojii uumuu babal’aa hojjetaa jiru keessaa Interpiraayizoota gara Investimantiitti ceesisuun isa tokko yemmuu ta’u, guyyaa har’aas Interpiraayizoota Kilaastara Lixaa Magaalaa Jimmaatti ceesiseera.
Milkaa’inni hojii carraa uumuu dargaggootaa kan mirkanaa’u ce’umsa Interpiraayizootaani jedhan Kantiibaa Ittaanaan Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa Injinar Asraat Asheetuun.
Mootummaan gaaffii Ummata Oromoo gama diinagdeen jiru deebisuuf kallattii qabate keessaa tokko dargaggoota diinagdeen humneessuu yemmuu ta’u, kun kan dhugomu Interpiraayizoota gara Invastimantiitti ceesisuuni jedhan Bulchaan Godina Jimmaa obbo Tijjaanii Naasir.
Hojii eegalame daran cimsuun imala Badhaadhinaa milkeessuun barbaachisaa ta’uu kaasan.
Akka Naannoo Oromiyaati hojii xiyyeffannoon addaa itti kennamee hojjetaama jiru keessaa hangafti dargaggoota humneessudha jedhan Hogganaa Ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa Obbo Habtaamuu Kaasaan.
Na’imaa Kaliiftu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.