Buna al-ergiirraa galii Doolaarri biiliyoonni 2 ol argame
Finfinnee, Waxabajjii 30, 2017 (FMC) – Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayee Itiyoophiyaa baatiiwwan 11 darbanitti buna al-ergiirraa galii Doolaarri biiliyoonni 2 fi miiliyoonni 200 fi kumni 400 ol argameera jedhe.
Abbaa Taayitichaatti Hojii Raawwachiisaan Hariiroo Uummataafi Kominikeeshinii Saa’ilemaariyaam Gabramadiin Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniitti akka himanitti, bara baajatichaatti buna toonii kuma 200 fi kuma 80 ol gabaa alaatti erguuf karoorfamee akka ture yaadachiisan.
Karoora qabamee ol buna toonii kuma 400 fi kuma 9 fi 605 gabaa alaatti erguun galii Doolaara biiliyoona 2 fi miiliyoona 200 fi kuma 400 ol argamsiisuun akka danda’ame kaasan.
Kan bara darbeen yoo madaalamu caalmaa Doolaara biiliyoona 1 akka qabus dubbatan.
Bara kana biyyoonni akka Jarman, Saa’ud Arabiyaafi Ameerikaa bakka gahumsa gabaa buna Itiyoophiyaa ta’uus eeraniiru.
Bifuma walfakkaatuun biyyoonni akka Beeljiyeem, Chaayinaa, Eemireetota Araba Gamtoomanii, Kooriyaa Kibbaa, Jaappaan, Xaaliyaaniifi Yoordaanos biyyoota buna Itiyoophiyaa baay’inaan bitan ta’uu ibsaniiru.
Galii damicharraa argamu guddisuuf oomishtummaa dabaluu, qulqullina eegsisuu, bittaafi gurgurtaa ammayyeessuu, daldala seeraan alaa ittisuufi to’achuurratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus hubachisaniiru.
Masaafint Iyyaayyuutu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.