Hirkattummaa hambisuun lammiilee rakkoolee adda addaaf saaxilaman humna ofiin deeggaruun dhimma birmadummaati – Pireezidaanti Taayyee
Finfinnee, Adoolessa 1, 2017 (FMC) – Hirkattummaa hambisuun lammiilee rakkoolee garaagaraaf saaxilaman humna ofiin deeggaruun dhimma birmadummaati jedhan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen.
Waldaan Qaxxaamura Diimaa Itiyoophiyaa guyyaa hundeeffama isaa waggaa 90ffaa mata duree ‘Ashaaraa tajaajila namoomaa waggoottaan 90 ce’e’ jedhuun kabajeera.
Waldaan Qaxxaamura Diimaa Itiyoophiyaa qormaatilee Itiyoophiyaa keessatti kan dhalate ibsituu gaarummaa fi tola ooltummaati jedhan eegaa olaanaan waldichaa Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen.
Biyyattiin wayita rakkoo keessa turte deeggarsa namoomaa fi gootummaa hojjeteef maqaa mootummaa Itiyoophiyaan ni galateeffanna jedhan.
Ashaaraa namoomaa humna ofiin ijaarame uumuuf xiyyeeffannoon itti kennamuu akka qabu cimsanii dubbatan Pireezidaanti Taayyeen.
Hirkattummaa hambisuun lammiilee rakkoolee adda addaaf saaxilaman humna ofiin deeggaruun dhimma birmadummaa ta’uu akka qabu hubachiisuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.