Yaa’ii BRICS irratti diinagdee dandamataa ijaaruuf tumsi barbaachisaa ta’uun hubachiifameera- Dooktar Fitsum Asaffaa
Finfinnee, Adoolessa 1, 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Pilaaniifi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan Yaa’ii BRICS 17ffaa irratti diinagdee dandamataa ijaaruuf tumsi barbaachisaa ta’uun hubachiifameera jedhan.
Tibbana jilli Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin durfamu Yaa’ii BRICS 17ffaa Biraaziil Riyoo Di Jineerootti gaggeeffame irratti hirmaachuun kan yaadatamudha.
Dooktar Fitsum turtii yaa’ichaa ilaalchisuun ibsa kennaniin, Itiyoophiyaan diinagdeen jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamatu ijaaramuu akka qabu ibsuu kaasaniiru.
Misooma biyyoota guddachaa jiranii waaressuuf tumsi akka barbaachisu mari’atamuus ibsan.
Yaa’ichaan eegumsa bosonaaf xiyyeeffannoon kennamuu kan kaasan Dooktar Fitsum, Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf sagantaa Ashaaraa Magariisaan hojjechaa jiraachuu dubbatanii, biyyoonni guddataniifi hawaasni idil addunyaa faayinaansiin deeggaruu akka qabu yaa’ichaan ka’uu yaadachiisan.
Yaa’icharratti ashaaraa magariisaa dabalatee hojii Itiyoophiyaan gama qonnaafi inarjiin diinagdee jijjiirama qilleensaa dandamatu ijaaruuf hojjechaa jirtu ka’uu, kun immoo Itiyoophiyaaf hiikaa guddaa qabaachuu ibsan.
Jiijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf biyyoota miseensa garichaa gidduu tumsi teeknooloojiifi faayinaanii akka barbaachusu ejjennoon qabamuufi gama Kanaan Itiyoophiyaan fayyadamtu taati jedhan.
Itiyoophiyaan Konfiransii jijjiirama qabeenya qilleensaa ‘COP30’ bara dhufu Biraaziilitti gaggeeffamu irratti saaxilamummaafi hojiilee jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf qabatamaan hojjechaa jirtu waan agarsiistuuf gama kanaan faayidaaleen hedduun kan argaman ta’uus dubbatan.
Itiyoophiyaan anniisaa haaromfamaa faalama qilleensaa hin geessisne ofiishee qofa osoo hin taane biyyoota Baha Afrikaaf dhiyeessaa jirtis jedhan.
Maddi anniisaa keenya kunis hojii Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa qolachuuf hojjechaa jirtu ‘COP30’ irratti guddatee kan mul’atu akka ta’es eeraniiru.
Ayyaanaa Dheeressaan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.