Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli tola ooltummaa walooma cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba- Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Adoolessa 2, 2017(FMC)- Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Hogganaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasiifi Pireezidaantii Itti aanaan Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah lammiileen tajaajila tola ooltummaa gannaa irratti dammaqinaan akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.

Tajaajilli tola ooltummaa bara kanaa naannolee fi bulchiinsota magaalaa keessatti hawaasa hirmaachisuun eegalameera.

Tajaajila kanaan hojiileen haaromsa mana namoota harka qalleeyyii, dhaabbii biqiltuu sagantaa ashaaraa magariisaa, arjooma dhiigaa, deeggarsa meeshaalee barnootaa, kenna yaala fayyaa bilisaa, maaddii qooduufi hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiru.

Obbo Adam Faaraah akka jedhanitti, tajaajilli tola ooltummaa, walooma, waliif yaaduufi tumsa gama maraa cimsuuf gahee olaanaa qaba.

Hojiin waggoottan darban tajaajila tola ooltummaan hojjetaman misoomaafi guddina biyyaa keessatti bu’aa qabatamaa galmeessisuus kaasaniiru.

Tajaajila tola ooltummaa bara kanaarrattis hawaasni dammaqinaan akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru.

Keessumaa dargaggoonni lafee dugdaa sagantichaa ta’uu kaasanii, hojii milkaa’aa hojjechuuf itti gaafatamummaan akka socho’an hubachiisaniiru.

Tajaajilli tola ooltummaa tajaajila daangaa ce’aa ta’uu akka qabu kan ibsan obbo Adam Faaraah,  kunis tattaaffii Itiyoophiyaa sabdaneettii ijaaruuf eegalame ni cimsa jedhaniiru.

Malaakuu Gaddifiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.