Fana: At a Speed of Life!

Hojjettoonni qisaasamaafi hanna ittisuun amanamummaafi kutannoon hojjechuu qabu- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Adoolessa 2, 2017 (FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen hojjettoonni qisaasamaafi hanna ittisuun amanamummaafi kutannoon hojjechuu akka qaban hubachiisan.

Kantiibaa Adaanech Abeebeen, hojjettoota Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii magaalichaa bara baajataa 2017’tti raawwii olaanaa galmeessisaniif  beekamtiifi guddina sadarkaa kennaniiru.

Hojjettoota Abbaa Taayitichaaf beekamtiifi guddinni sadarkaa kan kennameef damee ijaarsa bu’uura misoomaa daandiin milkaa’ina galmeessisaniifi.

Sagantaa bakka kantiibaa Adaanech Abeebeefi hoggantoonni biroon argamanitti gaggeeffame kanarratti, fooyya’iinsi guddina sadarkaafi miindaa hojjettoota abbaa taayitichaa bulchiinsa magaalichaan raggaasifamuun ifoomeera.

Kantiibaa Adaanech wayita kana, hojjechuun nama kabachiisa; bu’aa argamsiisuunis nama badhaasisa jechuun ibsuu isaanii Waajjirri Kantiibaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.

Hojjettoonni qisaasamaafi hanna ittisuun amanamummaafi kutannoon hojjechuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Beekamatiin kennames caalmaatti hojjechuun fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf kan nama kakaasu ta’uu eeruun, yeroo itti aanutti qulqullinaan, qisaasama hambisuuniifi ariitiin akka hojjetamuuf qajeelfama kennaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.