Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan damee teeknooloojiin hojii dinqisiisaa hojjechaa jirti- Ministiroota biyyoottanii

Finfinnee, Adoolessa 2, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan guddina ishee saffisiisuuf hojiin damee teeknooloojiin hojjechaa jirtu dinqisiisaa jedhan Ministiroonni biyyoota garaagaraa Fooramii Carraa Hojii Uumuu Afrikaa 3ffaarratti hirmaatan.

Fooramiin Carraa Hojii Uumuu Afrikaa Ministeerri Hojiifi Ogummaa qaamolee deeggartootaa waliin ta’uun qopheesse Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Fooramicharratti Ministiroonni biyyoota Afrikaa garaagaraa, dippiloomaatonni, hayyoonni damichaa, qorattoonni, hojii uumtonniifi bakka bu’oonni dhaabbilee idil-addunyaa hirmaataniiru.

Hirmaattonni fooramichaas Yaadannoo Injifannoo Adwaa, Godaambaa Saayinsiifi dhaabbilee waamamtootaa Ministeera Hojiifi Ogummaa daawwataniiru.

Magaalaan Finfinnee guddina saffisaa irratti akka argamtu daawwachuu isaanii hirmaattonni kunneen ibsaniiru.

Ijaarsi bu’uuraalee misoomaa hojjetamaa jiran guddina magaalichaa kan saffisiisan ta’uu ibsanii, hojiileen Itiyoophiyaan guddina ishee saffisiisuuf eegalte biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya jedhan.

Hojiilee Itiyoophiyaan eegalte rakkoolee wabii midhaan nyaataa Afrikaa waliin ka’an maqsuu kan dandeessisan ta’uus kaasuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.