Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa jijjiirama dinqisiisaa argisiiseera- Dooktar Raamiiz Alaakaabaaroov

Finfinnee, Adoolessa 2, 2017 (FMC) – Itti aanaan Barreessaa Olaanaa Mootummoota Gamtoomaniifi Itiyoophiyaatti Qindeessaan Deeggarsa Namoomaa Dooktar Raamiiz Alaakaabaaroov Sagantaan Ashaaraa Magariisaa jijjiirama dinqisiisaa argisiiseera jedhan.

Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen Itiyoophiyaatti yeroo hojii isaanii kan xumuran Dooktar Raamiiz Alaakaabaaroov wayita gaggeessan akka jedhanitti, Itiyoophiyaan Mootummoota Gamtoomanii waliin tumsa milkaa’aa qabdi. Tumsi kun cimee kan itti fufu ta’uus ibsan.

Dooktar Raamiiz Alaakaabaaroov gamasaaniin, waggoottan lamman darban Itiyoophiyaatti jijjiiramoota dinqisiisoo arguu himanii, turtii hiika qabu taasisuus ibsaniiru.

Keessumaa hojiilee magaalaafi baadiyyaatti hojjetamaa jiran dinqisiifachuu isaanii Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

Piroojektiin misooma kooriidarii magaalaa Finfinneefi magaalota biroo jijjiiraa jiraachuu kaasanii, gama Sagantaa Ashaaraa Magariisaanis jijjiiramni dinqisiisaan jira jedhan.

Biyya biqiltuu biiliyoonaan dhaabdu hin argine kan jedhan Dooktar Raamiiz, Itiyoophiyaan galma misoomaa waaraa  milkeessuuf adeemsa dheeraa imaluu ibsan.

Tumsi Itiyoophiyaafi Mootummoota Gamtoomanii cimee kan itti fufu ta’uus mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.