Oromiyaatti gamaaggamni raawwii dameelee garaagaraa gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Adoolessa 3, 2017 (FMC)- Naannoo Oromiyaatti Kilaasterri Hawaasummaa fi Horataalee Mootummaa gamaaggama raawwii hojii bara 2017 gaggeessaa jiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Jijjiiramaa asitti karoora xiiqii fayyadamummaa hawaasaa gama hundaan mirkaneessuu danda’an baafachuun hojjechaa jira.
Haaluma kanaan Kilaastarri Horataalee Mootummaa gamaggama raawwii hojii bara 2017 bakka Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii argamanitti gaggeessaa jira.
Sadarkaa Pireezidaantii Itti Aanaatti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Oromiyaa obbo Saadaat Nashaa gamaaggama Kilaastera hawaasummaa gaggeeffama jirurratti haawasaa taasisaniin, hojiiwwan tarsiima’aa akka mootummaa fi paartiitti gadi bu’an irratti xiyyeeffannoon olaanaan kennamee raawwatamaa tureera jedhan.
Qorannoo hojii kanaanis raawwiin bu’aa hojii argame karoora xiiqii waliin wal simuu isaa gamaaggamama.
Akka kilaastara hawaasummaatti inisheetiiviiwwan mana hojiittin hojirra oolaa turan keessatti haqinaalee fi ciminaalee jiran yeroon madaalamuu qabuufi haaluma walfakkaatun kenna tajaajilaa keessattis seektarri hawaasummaa adda durummaan irratti hojjechuu kan gaafatu ta’uu kaasuun haala raawwii kenna tajaajilaa idileessuu,si’eessuu fi bu’a qabeessummaa isaa qabatamaan madaaluu irratti dhimmoota adda bahuun mul’atanirratti kan mari’atamu ta’uu Obbo Saadaat himaniiru.
Hojiiwwan waliigalaa keessatti gaheen raawwachiisummaa hoggansaa hordoffii fi deeggarsaa irratti ciminaa fi hanqina jiru addaa baasuun kallattii hojiin bara itti aanuu kan kaa’amu ta’uu ibsan.
Manneen hojii keessatti ijaarama gama hundaan jiruu cimsuu fi hojiiwwan gamtaa paartii badhaadhinaa Biirolee milkeessuuf hojiin qindoominaan hojjetamuu akka qabu obbo Saadaat Nashaan qorannoo raawwii kanarratti ibsaniiru.
Gamaaggama kanaan seektaraaleen hawaasummaa gabaasa raawwii hojii isaanii bakka hooggansi olaanoon naannoo argamanitti dabareen dhiheessuun irratti kan mari’atamu ta’uu ragaan BKO irra argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.