Doonaald Tiraampi miidhaa balaan Lolaa Teeksaasitti qaqqabsiise daawwatan
Finfinnee, Adoolessa 4, 2017 (FMC) –Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi miidhaa balaan Lolaa Teeksaasitti qaqqabsiise daawwataniiru.
Balichi mudachuu akka danda’u akeekkachiifni hin kennamne jedhamuun komii ummataa jiru qulqulleessuu fi miidhamtootaaf deeggarsa taasisuuf daawwannaa kana taasisan jedhame.
Pireezidaanti Tiraampi daawwannaa Teeksaasitti taasisaniin Aanga’oota bulchiinsichaa fi hojjettoota balaa ittisaa waliin mari’achuutu himame.
Balaa Lolaa torbee darbe Kutaa bulchiinsaa Teeksaasitti mudateen lubbuun namoota 120 darbuu fi namoonni 160 ammoo achi buuteen isaanii kan hin beekamne ta’uu BBCn gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.