Fana: At a Speed of Life!

Oromoon Sikkoo Mandoo hara Laangannoo irratti wal arguuf imala eegale

Finfinnee, Adoolessa 5, 2017(FMC) – Oromoon Sikkoo Mandoo hara Laangannoo irratti wal arguuf imala eegaleera.

Waggaa saddeetitti yeroo tokko kan geggeeffamu Yaa’iin Gadaa Sikkoo Mandoo har’a irraa eegalee guyyoota lamaaf Godina Arsii Lixaa, Aanaa Negellee Arsii, hara Laangaanoorratti ni geggeeffama.

Yaa’ii  kanarratti  murtiin seerota addaa addaa kan haroomu yoo ta’uu, agarsiifni aadaa fi duudhaa hawaasichaa ni gaggeffama jedhame eegama.

Jilli Oromoo Sikkoo gara harichaatti imalaa jiruu kun Godina Arsii Lixaa aanaa  Nageellee Arsiitti simatameera.

Feenaan Nuguseetu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.