Ergaa Ministira Muummee Itti Aanaa
Finfinnee, Adoolessa 11, 2017 (FMC) – Barri baajataa 2018 bara imala dandamachuu cichoomsuuf bu’aawwan haaraa galmeessuuf waloon hojjennuudha jedhan Ministirri Muummee Itti Aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan.
Raawwii bara 2017 ka’umsa godhachuun karoora bara 2018 irratti hoggantoota dhaabbilee Federaalaa waliin mariin gaggeeffamaa jira.
Barri baajataa xumurame bara Badhaadhinni Itiyoophiyaa kallattii hundaan itti milkaa’eedha jedhan obbo Tamasgeen Xurunaan.
Bara dandamannaa Itiyoophiyaaf bu’uura kaa’edha jedhan.
Karoorri bara 2018 raawwii gaarii kanneen ka’umsa kan godhate ta’uu kaasan.
Raawwii caalu galmeessuuf waloon hojjechuun barbaachisaa akka ta’e hubachiisan.
Bara baajataa haaraa kanatti injifannoowwan caalan gameessuun dandamannaa Itiyoophiyaa labsuuf cichoominaa cimaan hojjechuutu barbaachisa jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.