Mootummaan naannicha hojiilee gama hundaan hojjeteen bu’aan argame – Pireezidaanti Shimallis
Finfinnee Adoolessa 12, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin Mootumma Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan gabaasa raawwii hojii bara 2017 dhiyeessaa jiru.
Nageenya naannichaa mirkaneessuuf qaamolee hidhatanii socho’an waliin waliigalteen taasifame nageenya waaresseera jedhan.
Waliigaltee WBO waliin taasifameen miseensota galaniif leenjiin haroomsaa kennamuus kaasaniiru.
Humnoota fedhii fi qophaa’ummaa hin qabnerratti ammoo tarkaanffiin seeraa fudhatamaa jiraachuu dubbatan Pireezidaanti Shimallis.
Ammas karri nageenyaaf banaa ta’uu eeran.
Bara baajataa kana keessa hojiilee gama hundaan hojjetameen bu’aan gaariin galmaa’uu himan.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.