Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree naannichaa walga’ii idilee 10ffaa gaggeessuu eegale

Finfinnee, Adoolessa 19 , 2017 (FMC) – Manni Maree Naannoo Amaaraa walga’ii idilee 10ffaa bara hojii 4ffaa marsaa 6ffaa gaggeessuu eegaleera.

Af-yaa’iin mana maree naannichaa Faantuu Tasfaayeen haasawaa taasisaniin, hojiileen nageenyaafi misoomaa naannichatti hojjetamaa jiran fooyya’iinsa argamsiisuu ibsan.

Kana hordofees dandeettiin raawwachiisummaa piroojektoota misoomaa guddachuu kaasaniiru.

Hojiin riifoormiifi ijaarsa dandeettii dhaabbilees hojimaata dhaabbatummaa mirkaneessuun bu’aa galmeessisaa jiraachuu eeran.

Yaa’ichi har’a irraa eegalee guyyoota shaniif kan gaggeeffamu yoo ta’u, manni marichaa yaa’iisaa Kanaan gamaaggama raawwii karoora 2017 fi karoora bara baajataa haaraa ni raggaasisaan eegama.

Dassaalenyi Biraarraatu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.