Magaalaa keenya kan ijaarru dhaloonni fayyaalessi akka uumamu, akka dhaaluufi akka misoomsuufi- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Finfinnee, Adoolessa 19 , 2017 (FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen magaalaa keenya kan ijaarru dhaloonni fayyaalessi akka uumamu, akka dhaaluufi akka misoomsuufi jedhan.
Bulchiinsi magaalichaa piroojektoota fayyaa bara baajataa 2017’tti ijaarsise 28 keessaa guyyaa har’aa piroojektoota 22 eebbisiisuun tajaajilaaf baneera.
Piroojektoonni kunneen kan eebbifaman kutaalee magaalotaa hunda keessatti yoo ta’u, buufataaleen fayyaa kunneen tajaajila hospitaala sadarkaa jalqabaan kennamu qixa kennuu kan danda’an ta’uu Aadde Adaanech ibsaniiru.
Buufataaleen kunneen tajaajila qulqullina qabu akka kennaniif meeshaalee tajaajila fayyaa Birrii biiliyoona 4 oliifi humna namaan akka gahooman taasifameera jedhan.
Piroojektoonni kunneen gaaffii jiraattota magaalichaaf deebii kan kennan, fayyadamummaa tajaajila fayyaa haqa qabeessa kan mirkaneessaniifi kutannoofi amanamummaan tajaajiluu keenya kan mul’isanidha jechuun ibsan.
Qaamolee piroojektoonni kunneen qulqullinaafi yeroo qabameefitti akka xumuramaniif gahee isaanii bahatan hunda galateeffachuu isaanii Kominikeeshiniin magaalichaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.