Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti dargaggoota kuma 55 oliif carraan hojii uumame

Finfinnee, Adoolessa 19, 2017(FMC) – Magaalaa Shaashamanneetti dargaggoota kuma 55 fi 254’f carraa hojii uumeefiin jira jedhe Waajjirri Carraa Hojii Uumuufi Ogumma Magaalichaa.

Waajjiriichi dargaggoota kuma 52’f carra hojii uumuuf karoorfatee qacarriifi waldaan gurmeessuun dargaggooota kuma 55 fi 254’f carran hojii kan uummameef ta’uu Itti gaafatamtuun waajjirichaa Aaddee Masarat Tasammaa Faanaa Miidiyaa Korpooreshinitti himaniiru.

Dargaggoota waldaan gurma’aaniif sheediwwan 130 fi iddoon hojii lafti heektaarri 20.2 ta’uu kennameeras jedhan.

Dandeettii bu’aa buufachuu dargaggootaa cimsuuf leenjiin intarpireenaraa kennamaa jiruun dargaggoonni kumni 100 fi kumni 17 caalan leenjii fudhachuus kaasan.

Akka aadde Masarat jedhanitti, liqiin qarshii miiliyoona 400 fi miiliyoona 85 caalu akka kennamuufiif haalli miijeffameera.

Dargaggoonni waldaan gurma’an kunniin akka milka’aniif oggeessan hordofamaa jiru.

Lammaa Tasfaayeetuu gabaasee

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.