Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantii Itti Aantuun Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Muhaammad hojiilee misoomaa magaalaa Finfinnee daawwatan

Finfinnee, Adoolessa 20, 2017 (FMC) -Pireezidaantii Itti Aantuun Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Muhaammadii fi Hirmaattoonni Yaa’ii 2ffaa Sirna Nyaataa Mootummoota Gamtoomanii Magaalaa Finfinneetti hojiilee misoomaa garagaaraa daawwatan.

Misooma Qindaa’aa Gullallee, Giddugala Gabaa oomishaalee Qonnaa Lammii Kuraa, Buufataalee Fayyaa, Manneen Barnootaa, dhaabbilee Nyaataa fi kanneen biroo daawwataniiru.

Giddugala Tolchaa Buddeenaa, Bakka Tursaa Daa’immanii, Kuusaa Midhaanii, Baabura Midhaan Daaku, akkasumas tajaajilawwan garaagaraa giddugala Gullalleetti argamu daawwataniiru.

Gizaachoo Girmaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.