Itiyoophiyaan Damee Qonnaan fayyadamummaa dargaggootaa giddugaleessa godhattee hojjetaa jirti – Dooktar Ergoogee Tasfaayee
Finfinnee, Adoolessa 20, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan Damee Qonnaan fayyadamummaa dargaggootaa giddugaleessa godhattee hojjetaa jirti jedhan Ministirri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen.
Yaa’ii 2ffaan Sirna Nyaataa Mootummoota Gamtoomanii Finfinneetti taa’amuu eegaleera.
Yaa’ichi mata duree ‘Dargaggoonni akka qaama jijjiirama, ogummaa fi kalaqaatti gahee sirna nyaataa waaressuu keessatti qaban’ jedhuun mariin qaama yaa’ichaa ta’e gaggeeffamaa jira.
Itiyoophiyaan qonnaan wabii nyaataa mirkaneessuu fi carraa hojii uumuuf hojiitaa akka jirtu dubbatan.
Sagantaa maaddii guutuu fi ashaaraa magariisaan wabii nyaataa mirkaneessuuf dargaggoota hirmaachisuun hojjechaa akka jirtu dubbatan.
Keessattuu damichaan fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jirtu ibsan.
Itti Aantuu Barreessituu olaantuun mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammad gama isaaniin, balaan namtolchee fi uumamaa wabii nyaataa mirkaneessuurratti dhiibbaa uumaa akka jiru himan.
Rakkoolee kanneen waaraan furuuf galmoota misoomaa Mootummoota Gamtoomanii fi ajandaalee Afrikaa 2063 milkeessuuf tumsa cimaan kan barbaachisu ta’uu eeran.
Imaammatarraa eegalee badhaadhinaa dargaggootaa fi kalaqarratti xiyyeeffachuun murteessaa ta’ee kaasuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.