Fana: At a Speed of Life!

Bidiruuwwan tajaajila geejjibaa kennan biyya keessatti walitti hidhuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Adoolessa 21, 2017 (FMC) – Tajaajilli Geejjibaa Galaanaa fi Loojistiksii Bidiruuwwan tajaajila geejjibaa Bishaanirraa kennan biyya keessatti walitti hidhuuf hojjetamaa jira jedhe.

Tajaajilichi raawwii hojii bara 2017 ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kenneera.

Tajaajilli Geejjibaa Galaanaa fi Loojistiksii Itiyoophiyaa bara baajataa 2017 keessa galii Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 8 ol argachuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan tajaajilichaa Dooktar Bariisoo Amaloon himaniiru.

Fooyyessi Diinagdee Gooroo Itiyoophiyaan hojiirra oolchite galiin dhaabbatichaa akka dabalu gahee olaanaa gumaachuu eeruun, keessattuu galii daldala alaa guddisuu keessatti qooda olaanaa bahachuu kaasan.

Damee daddabarsa Fe’umsaan bu’aa olaanaan argamuu himan Dooktar Bariisoon.

Tajaajilichi Xaa’oo Kuntaala miiliyoona 17 ol geejjibsiisuu dubbatan.
Yeroo itti aanu Bidiruuwwan tajaajila Geejjibaa kennan biyya keessatti walitti hidhuuf wixineeffamuu ibsan.

Alemsaggad Asaayyeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.