Ergamaan Addaa Ameerikaa Istiiv Wiitkoof Viilaadmiir Puutiin waliin mari’atan
Finfinnee, Adoolessa 30, 2017(FMC) – Ergamaan Addaa Ameerikaa Istiiv Wiitkoof Pireezidaantii Raashiyaa Viilaadmiir Puutiin waliin mari’atan.
Qaamoleen lameen haala waraana Raashiyaafi Yuukireen dhaabuun danda’amurratti mari’achuun ibsameera.
Istiiv Wiitkoof haala marii Pireezidaanti Viilaadmiir Puutiin waliin taasisan Doonaaldi Tiraampiin erga gahaniin booda Waashingitaniifi Mooskoo gidduutti mariin dabalataa kan geggeeffamu ta’uun eerameera.
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Raashiyaafi Yuukireen guyyoota 10 keessatti waliigaltee dhukaasa dhaaburra akka gahan daangaa yeroo kaa’uun Raashiyaan kan hin fudhanne yoo ta’e qoqoobbii irra kan kaa’an ta’uu hubachiisuun isaanii kan yaadatamudha.
Neetootti Ambaasaaddarri Ameerikaa Maatiwoos Wiitker daawwannaan ergamaa addaa kun waraana Raashiyaa fi Yuukireen dhaabsisuu danda’a jedhanii akka abdatan ibsuu isaanii BBCfi RT’n gabaasaniiru.
Miikiyaas Ayyalaan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.