Teeknooloojiin tajaajila waraqaarraa bilisaa kennuuf dandeesisu eebbifame
Finfinnee, Hagayya 9, 2017 (FMC)- Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii, teeknooloojii tajaajila waraqaarraa bilisaa kennuuf dandeesisuu guyyaa har’aa eebbisiseera.
Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Balaxaa Mollaa akka jedhanitti, Teeknooloojichi kenniinsa tajaajila mootummaa saffisisaa fi dhaqqabamaa taasisa.
Wayita ammaa teeknooloojicha Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa, Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii fi Ministeerri Pilaanii fi Misoomaa hojiirra oolchaa jiru jedhan.
Fuulduratti dhaabbilee biroo fi naannooleetti hojiin babal’isuu cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.
Komishinarri komishinii Siivil Sarvisii Itiyoophiyaa Dooktar Makuriyaa Hayilee gamasaaniin,
Teeknooloojichi hojiilee riifoormii komishinichi hojjechaa jiru kan deeggaru ta’uu dubbataniiru.
Tajaajila mootummaa saffisisuun itti qufiinsa lammiilee mirkaneessa kan jedhan immoo Mana Maree Bakka Bu’oota ummataatti Walitti Qabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Misoomaa Humna Namaa, Bobbii Hojii fi Teeknooloojii Dooktar Nagarii Leencooti.
Akkasumas Diijitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuuf tattaatfii eegalameef dandeettii kan uumu ta’uu ibsaniiru.
Wandimmuu Addunyaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.