Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Daldalaa Itioophiyaa haleellaa Saayibarii kuma 14 ol ittise

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2019 (FMC) – Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa bara baajataa 2025/26 haleellaa Saayibarii kuma 14 ol ittise jedhe.

Haleellaa saayibarii gara kuma 14, akkasumas yaalii gowwoomsaa interneetii miiliyoona 2 ta’an ittisuu Pireezidaantiin Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Abbee Saanoon himaniiru.

Baankichi nageenya saayibarii cimsuuf balaa dursanii adda baasuu, Hubannoo Namtolchee fayyadamuun, haleellaa ittisuu fi sirna amantaa maamilootaa mirkaneessuu irratti hundaa’e (Zero Trust) hojiirra oolchuu irratti xiyyeeffachaa jiraachuu eeran.

Dabalataanis, yakkamtoonni saayibarii haleellaa isaanii keessatti Hubannoo Namtolchee fayyadamaa waan jiraniif, bu’aawwan amma argaman qofaan gahaa akka hin taane hubachiisuun, sirna ittisaa ammayyaa fi of-eeggannoo itti fufiinsa qabu cimsuun barbaachisaa ta’uu pirezidaant Abbeen dhaamuu ragaan baankicharraa argame ni mul’isa.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.