Doonaald Tiraamp Viilaadmiir Puutiin waliin mari’achuuf gara Alaaskaatti imalan
Finfinnee, Hagayya 9, 2017(FMC) – Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp dhimma waraana Raashiyaafi Yuukreen irratti Pireezidaantii Raashiyaa Viilaadmiir Puutiin waliin mari’achuuf gara bulchiinsa Alaaskaatti imalaniiru.
Hoggantoonni lameen har’a galgala fuulaa fuulatti wal arguun ni mari’atuun eegama.
Maricha dursanii Alaaskaa kan galan Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov ibsa kennaniin, biyyi isaanii yaada ifaa Ameerikaan haala salphaan hubachuu dandeessu qabattee dhiyaatti jedhan.
Ergamaan Addaa Pireezidaanti Doonaald Tiraamp Istiiv Wiitkoof waliin marii abdii qabu taasisneerra kan jedhan Sargee Laavroov, mariin Pireezidaantota lameen gidduutti mari’atamu qaamolee hunda kan injifachiisu akka ta’e abdii qaban ibsaniiru.
Marii pireezidaantota biyyoota lameenii kanarratti Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota lameeniifi dippiloomaatonni biroon kan argaman ta’uu CNN fi RTn gabaasaniiru.
Miikiyaas Ayyalaan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.