Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantiin Yuukreen Doonaald Tiraamp waliin Waayit Haawusitti yeroo lammataaf wal arguufi

Finfinnee, Hagayya 10, 2017(FMC)- Pireezidaantiin Yuukreen Vooloodmiir Zeleniiskiin Pireezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliin Waayit Haawusitti yeroo lammataaf wal arguuf jedhu.

Mariin Doonaald Tiraampiifi Pireezidaantii Raashiyaa Viilaadmiir Puutiin guyyaa kaleessaa haalaan eegamaa ture waliigaltee malee xumurame.

Mariin hoggantoota lameenii waraanni Raashiyaafi Yuukreen furmaata akka argatuuf qooda olaanaa ni taphata jedhameetu eegamee ture.

Haa ta’u malee mariin sa’aatii sadii fudhate kun abdii waan hin argisiisneef Pireezidaantiin Yuukreen Vooloodmiir Zeeleniiskiin gara Ameerikaatti imaluun Pireezidaanti Doonaald Tiraamp waliin mari’achuuf akka jedhan dhagahameera.

Mariin Doonaald Tiraampiifi Viilaadmiir Puutiin waliigaltee malee haa goolabamuyyuu malee walitti dhiyeenyaan mari’achuun barbaachisaa ta’uu hoggantoonni lameen irratti waliif galaniiru.

Doonaald Tiraamp maricha ilaalchisee ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaanii “Truth” irratti dabarsaniin, kallattiin gara waliigaltee nageenyaatti seenuu malee waliigalteen yeroof dhukaasa dhaabuu nageenya hin fidu jedhan.

Raashiyaafi Yuukreen gara marii nagaatti akka deebi’aniif waamicha kan dhiyeessan Doonaald Tiraamp, waliigalteen dhukaasa dhaabuu taasifamuu akka qabuufi hidhamtoota waljijjiiruun nageenya waaressuun barbaachisaa ta’uus hubachiisan.

Pireezidaantiin Raashiyaa Viilaadmiir Puutiin marichaan booda wayita ibsa waloo kennan, waraanicha dhaabuuf fedhii qabaachuu malee odeeffannoo bal’aa kennuurraa of qusataniiru.

Marii Pireezidaanti Doonaald Tiraampiifi Viilaadmiir Puutiin haala Kanaan xumurameen booda Pireezidaantiin Yuukreen Vooloodmiir Zeeleniiskiin Wiixata dhufu gara Waashingitanitti imaluuf akka jedhan himameera.

Marichaan booda Raashiyaan mariin gam-sadee akka gaggeeffamuuf fedhii hin qabdu yoo ta’e qoqqobbii Doonaald Tiraamp Raashiyaarra kaa’an cimee akka itti fufu Vooloodmiir Zeleniiskiin bilbilaan gaafachuun dhaghameera.

Hirmaannaa Yuukreeniin ala waliigalteen dhufuu hin danda’u kan jedhan Zeeleniiskiin, dhimmoota marichaan ka’anirratti Yuukreen mirga murteessuu akka qabdu ibsuu isaanii BBCn gabaaseera.

Miikiyaas Ayyalaan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.