Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Vooloodmiir Zeleniiskiin waraanicha hatattamaan dhaabsisuu ni danda’u- Doonaald Tiraamp

Finfinnee, Hagayya 12, 2017(FMC)- Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Pireezidaantiin Yuukreen Vooloodmiir Zeleniiskiin waraana Raashiyaafi Yuukreen hatattamaan dhaabsisuu ni danda’u jedhan.

Pireezidaanti Doonaald Tiraamp beellama gitasaanii Yuukreen waliin Waashingitanitti mari’achuuf qabatan dursanii yaada nagaa Ameerikaan dhiyeessitu Yuukreen akka fudhattuuf dhiibbaa gochaa akka jiran ibsameera.

Marii Pireezidaantii Raashiyaa Viilaadmiir Puutiin waliin Alaaskaatti mari’atan osoo hin milkaa’iin hafuu hordofee Pireezidaanti Doonaald Tiraamp gitasaanii Yuukreen Vooloodmiir Zeleniiskii waliin mari’achuuf beellama qabataniiru.

Pireezidaanti Doonaald Tiraamp ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, waraana Raashiyaafi Yuukreen dhaabsisuuf murtoon Pireezidaantii Yuukreen ni eegama jedhan.

Vooloodmiir Zeleniskiin gara waliigalteetti akka dhufaniif dhiibbaa uumaa kan jiran Doonaald Tiraamp, yaadonni “Kireemiyaan gara Yuukreenitti haa deebituu fi Yuukreen miseensa NATO haa taatu” jedhan waliigalteef dhiyaachuu akka hin qabne ibsaniiru.

Pireezidaanti Zeleniiskiin qabxiiwwan bu’uuraa irratti yoo waliif gale waraanichi akka dhaabbatu, ta’uu baannaan garuu kan itti fufu ta’uu Doonaald Tiraamp hubachiisaniiru.

Pireezidaanti Zeleniiskiin gamasaaniin, fedhii Doonaald Tiraamp waraanicha hatattamaan dhaabsisuuf qaban kan qooddatan ta’uu ibsaniiru.

Haa ta’u malee waliigaltee nageenya waaraa mirkaneessu danda’urra gahuun barbaachisaa ta’uus yaadachiisaniiru.

Bakka hoggantoonni biyyoota Awurooppaa argamanitti mariin Doonaald Tiraamp fi Vooloodmiir Zeleniiskii har’a galgala ni gaggeeffama.

Mariin hoggantoota lameenii waraana Raashiyaafi Yuukreen dhaabsisuuf shoora olaanaa kan qabu ta’uu CNN fi BBC’n gabaasaniiru.

Miikiyaas Ayyalaan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.