Fooyya’iinsi miindaa bu’a-qabeessummaa tajaajila mootummaa ni fooyyessa- Hayyoota
Finfinnee, Hagayya14, 2017(FMC) – Fooyya’iinsi miindaa hojiirra oole tajaajila mootummaa si’ataa fi qaqqabamaa ta’e kennuu dandeessisa jedhan hayyoonni dinagdee.
Hayyuun dinagdee Dooktar Qosxeenxinoos Barihee Faanaa Miidiyaa Korpooreshin waliin gaaffii fi deebii geggeessaniin fooyya’iinsi miindaa kun ba’aa jireenyaa hojjettoota mootummaa salphisuuf ga’ee guddaa qaba jedhan.
Haala dinagdee hojjettoota mootummaa qaala’iinsa jireenyaan kallattiin miidhamanii qorachuun deebii mootummaan kenne kan jajjabeeffamu ta’uus dubbatan.
Tajaajilli mootummaa uummataaf kennamu caalmaatti bu’a qabeessa akka ta’uuf ga’ee guddaa qabas jedhan.
Hayyuun dinagdee Dooktar Boggaalee Boshee gama isaaniin, fooyya’iinsi miindaa kun hojjettoonni mootummaa hojimaata badaa irraa fagaatanii hojii isaanii of eeggnnoon akka hojjetaniif kan gargaaru ta’uu ibsan.
Adeemsa hojiirra oolmaa Rifoormii Siivil Sarvisii irrattis fooyya’iinsi bu’aa irratti xiyyeeffatan akka barbaachisanis eeraniiru.
Haala qaala’iinsa jireenyaa hawaasa biratti mul’atu fooyyessuuf mootummaan gara fuula duraattis xiyyeffannaan hojjechuu akka qabus hayyoonni kunniin hubachiisaniiru.
Siifan Makonnintu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.