Leenjiin Hoggantoota Mootummaa Naannoo Oromiyaaf kennamu eegale
Finfinnee, Hagayya 15, 2017 (FMC)- Hoggantoota Mootummaa Naannoo Oromiyaaf Leenjiin dandeettii hoggansaa cimsu kennamuu eegaleera.
Leenjichi dandeettii hoggansa mootummaa sadarkaan jiru cimsuun injifannoowwan waggoottan darban keessatti damee hundaan galmaa’an caalmaatti itti fufsiisuuf kan kayyeeffate ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo kaffaaloo Tafarraa ibsaniiru.
Injifannoowwan guguddoon gama siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa, ijaarsa sirna dimookiraasii fi hariiroo alaatiin waggoottan muraasa darban keessatti gaggeessummaa Paartii Badhaadhinaa fi Mootummaa hojjetamaniin bu’aaleen argamuu dubbataniiru.
Leenjichi guyyoota sadiif kan kennamu ta’uun ibsameera.
Injifannoowwan rog-daneessa badhaadhinaa fi ol-ka’iinsa Itiyoophiyaaf bu’uura cimaa ta’e galmeessuu keessatti muxannoowwan waggoottan muraasa darban keessatti galmaa’an jabeessuun biyya fakkenya badhaadhinaa taate ijaaruuf gahumsa gaggeessummaa annisaa haaraa fi xiiqiin dabaalame uumuurratti kan fuulleeffate ta’uu ibsaniiru.
Leenjiin kun magaaloota akka Maayaa, Adaamaa, Shaashamannee, Bulee Horaa, Amboo, Naqamtee fi Jimmatti hoggantoota kuma 4 olifi kan kennamu ta’uun eerameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.