Finfinneetti Ayyaanota sababeeffachuun daballiin gatii akka hin mudanneef xiyyeeffannoon kenname
Finfinnee, Hagayya 19, 2017 (FMC) -Ayyaanota sababeeffachuun qaala’iinsi gatii akka hin mudanneef dhiyeessii fi hordoffiin cimaan taasifamaa jira jedhan Itti aanaan Kantiibaa fi Hogganaan Biiroo misooma Indaastirii Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaay.
Hawaasni daldaltoota sochii seeraan alaa taasisan wayita argu eeruu kennuu akka qabu himaniiru.
Bulchiinsa magaalichaatti tasgabbii gabaa, to’annoo daldala seeraan alaa, Sosochii Itiyoophiyaa – Finfinneen Haa oomishtuu fi Jijjiirraa bara haaraa sababeeffachuun gabaa ayyaanaa irratti daballii gatii mudachuu danda’u ilaalchisee Obbo Jaanxiraar ibsa miidiyaaleef kennaniiru.
Ibsa isaaniin, magaalichatti qaala’iinsa jireenyaa hir’isuu fi tasgabbii gabaarratti hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiru jedhan.
Dhiyeessii babal’isuuf kan dandeessisan Gabaan Sanbataa 219 jiraachuu eeruun, giddugaloonni gabaa 5 sadarkaa magaalaatti tajaajila bal’aa kennaa jiru jedhan.
Haaluma kanaan ayyaanotaa fi fooyya’iinsa Miindaa sababeeffachuun daballiin gatii akka hin mudanneef hordoffiin taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.
Maraa’ol Kadirtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.