Sudaanitti balaa Sigiga lafaan lubbuun namoota kuma 1 ol darbe
Finfinnee, Hagayya 27, 2017 (FMC) – Sudaan Kutaa Bulchiinsa Daarfuuritti balaa sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota kuma oli darbeera.
Balaan kun kan mudate sababa walitti bu’iinsa biyyattii keessaa tureen, lammiilee baqatanii MandaraTaraasiin keessa turan akka ta’e ibsameera.
Dilbata darbe balaa sigiga lafaa mudateen mandarichi manca’uu BBC’n gabaaseera.
Balichi mudachuun dura guyyoottan hedduuf roobni cimaan kan roobe yoo ta’u, lammiilee naannawichatti argamaniif deeggarsi namoomaa akka dhiyaatu waamichi dhiyaateera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.