Kaayirootti ifee kan mul’ate Abbubakar Nuuraa
Finfinnee, Qaammee 1, 2017 (FMC) –Karra Eegaan Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa Abbubakar Nuuraan ga’umsa olaanaa gulaallii Waancaa Addunyaarratti mul’iseen dinqisiiffannaa olaanaa argateera.
Tapha kalessa halkan Waaliyaawwan Kaayirootti Fara’oonoota waliin taphatanirratti Abbubakar Nuuraan ga’umsa mul’iseen haalaan leellifamaa jira.
Abbubakar Nuuraan Piriimeer Liigii Itiyoophiyaan yeroo 2 karra eegaa cimaa jedhamuun badhaafamuun kan yaadatamuudha.
Tapha kaleessarratti Rukuttaa adabbii 2 irratti galeen ala kubbaawwan galchii ta’uu malan hedduu fashaleessuun karra eegaa dinqii jedhameera.
Rukuttaa adabbichaan ala Mohaammad Saalaa dabalatee taphattoonni Ijipti hedduun Abbubakar Nuuraarratti galchii lakkoofsisuu hin dandeenye.
Fara’oonoonni kallattii hundaan waaliyaawwan caalaa fooyya’oo turanis karra Abbubakar saaquu hin dandeenye.
Carraa hedduu uumanis Abbubakar ga’umsaan fashaleesseera.
Ga’umsa isaa addunyaaf agarsiiseera.
Kilabni Kubbaa Miilaa Madin Itiyoophiyaa Waancaa Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa bara 2017 akka injifatu qoodni Abbubakar olaanaa ture.
Taphoota 20 irratti karra isaa sirnaan kabachiiseera.
Abbubakar Nuuraan Kilaba Jimmaa Abbaa Jifaarii fi Bahir Daariifis taphateera.
Ga’umsi eda agarsiise rakkoo karra eegaa Garee Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa barootaaf ture ni hambisaan abdii ta’eera.
Waaliyaawwan tapha gulaallii Waancaa Addunyaa marsaa 8ffaa Seeraaliyoon waliin Kibxata taphaturratti Abbubakar Nuuraan ni eegama.
Wandimmaaganyi Tsaggaayeetiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.