Haaromeen bakka sirni oomishtummaa haaraan itti dhalatu, guddatuufi of-haaromsudha!
Finfinnee, Onkoloolessa 27, 2019 (FMC) – Haaromeen bakka namni itti qubatu qofa osoo hin taane, bakka sirni oomishtummaa haaraan itti dhalatu, guddatuufi of-haaromsudha jedhe Tajaajjilli Kominikeeshinii Oromiyaa.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas rakkoo jiraattota baadiyyaa Oromiyaa keessa waggoota dheeraaf ture furuun tajaajila baadiyyaan magaalaarraa barbaacha deemu madaala kan eege taasisuuf tarkaanfii haaraa inisheetivii “Haaromee” hojiitti hiikuun jijjiirama qabatamaa baadiyyaa Oromiyaa keessatti fidaa jira. Hojiin kunis jiraattonni baadiyyaa ammayyummaan akka wal baraniifi bu’uuraalee misoomaa akka argatan karaa ta’aa jira.
Haaroomeen dhaabbata ce’umsaa sirna oomishtummaati. Bakka humnoonni oomishtummaa walitti dhufanii sirna haaraa jalatti qindaa’aniidha.
Bakka qonnaan bulaan jireenya isaa qofa osoo hin taane, ilaalcha hojii, eenyummaa dinagdee, mala omishaafi hariiroo gabaa waliin qabu itti haaromsuudha.
Haala kanaan haaromeen magaalaa gara baadiyyaa geessuu osoo hin taane dhaabbata ce’umsaafi qaroomina hawaasaa ta’uun badhaadhina hunda galeessa baadiyyaa dhugoomsuuf kan itti fayyadamnuudha.
Qonnaan bulaan Haaromeetti makamuuf, naannawa isaa gadi hin lakkisu. Lafuma isaarratti sirna dinagdee haaraa keessa gala.
Haaromeedhaan qonni harkaa-gara-afaanii irraa gara gabaatti cee’a. Qonni oomisha uuma. oomishni kaappitaala uuma. Kaappitaalli invastimantii uuma. Invastimantiin indastirii uuma. Indastiriin hojii uuma. Hojiin galii uuma. Galiin badhaadhina uuma. Badhaadhinni ammoo dandeettii oomishtummaa caalaatti ijaara.
Kana malees haaromeen humna baadiyyaafi magaalaa gidduu dhaabbatudha. Kanaaf Haaromeen mala mootummaan cee’umsa hawaasni keenya gara sirna dandeettii oomishtummaa qindaa’etti taasisu ittiin hoogganu keessaa isa tokkodha. Dhaabbata ce’umsaa Oromiyaan hawaasa oomishtummaan isaa sirnaawe ittiin ijaarratu keessaa isa tokko.
Baadiyyaan oomishuu danda’uu qofti milkaa’ina miti. Milkaa’inni dhugaa yommuu humnoonni oomishaafi bu’uuraaleen oomishaa magaalaafi baadiyyaa sirna oomishaa tokko jalatti qindoomanii dandeettii oomishtummaa hawaasaa dabalan qofa argama.
Kana jechuun baadiyyaa gara magaalaatti jijjiiruu osoo hin taane, Magaalaafi baadiyyaa gara sirna oomishtummaa walsimaa tokkootti ceesisuudha ta’uu ibse tajaajilichi.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa