Hidhi Haaromsaa duudhaa Itiyoophiyaanonni hojjetanii agarsiisu jedhuuf ragaadha- Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee
Finfinnee, Fulbaana 4, 2018(FMC)- Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen Hidhi Haaromsaa duudhaa Itiyoophiyaanonni fageessanii yaadu, ni qoratu hojjetanii agarsiisu, bu’aa isaas ni qoodu jedhuuf ragaadha jedhan.
Eebbifamuu Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa sababeeffachuun hiriirri deeggarsaa Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffamaa jira.
Haasawaa sagantaa kanarratti taasisaniinis, Hidhi Haaromsaa Itiyoophiyaanotaaf ergaa ni dandeenya jedhu kan qabu ta’uus dubbataniiru.
Hidhi Haaromsaa injifannoo guddaa cimina Itiyoophiyaa kaleessaa mirkaneessu, ogummaafi gamnummaa keenya har’aa mul’isu, ifa keenya boruu akeeku waan ta’eef xiqqeessinee hin ilaallu jedhan.
Wanti nuti Hidha Haaromsaarraa baranne imalli guddinaafi badhaadhinaa humna elektirikaa malee kan hin yaadamne ta’uudhas jechuun ibsaniiru.
Humna elektirikaa argachuuniifi haalaan waliin gahuun dhimma haqummaa qofa osoo hin taane riqicha guddinaa ta’uu kaasaniiru.
Guddinni saffisiisaan addunyaafi keenyaas kana kan agarsiisudha jedhan.
Fedhiin Itiyoophiyaanotaa waloon guddachuufi misoomuu ta’uu kaasanii, Hidhi Haaromsaa biyyoota obboleewwaniif waltumsuufi waliin guddachuuf carraa addaa kan kenne ta’uus ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.