Uummanni Oromoo tokkummaa keessoo fi hariiroo obbolummaa saboota biroo waliin qabu cimsuun shira diinotaa maseensuu qaba- Obbo Hayiluu Addunyaa
Finfinnee, Onkololeessa 23, 2019 (FMC)- Uummanni Oromoo tokkummaa keessoo isaafi hariiroo obbolummaa saboota biroo waliin qabu cimsuun shira diinota Seenaa Itiyoophiyaa maseensuu qaba jedhan Hogganaan Tajaajila Komikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa.
Tajaajilli Kominikeeshinii Oromiyaa haala yeroo irratti miidiyaaleef ibsa kenneera.
Ibsicha kan kennan hoogganaan Tajaajila Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa karoorri Of-Danda’uu qaama karoora tarsiima’aa bara olka’iinsa Itoophiyaa ta’uu kaasuun, Mootummaan Naannoo Oromiyaa karoora kanaan injifannoo uummanni argate sadarkaa olaanaatti ceesisuun badhaadhina Oromiyaafi Itoophiyaa milkeessuuf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Karoora waggoota shaniif turu kanarratti mareen bilchina qabu sadarkaa sadarkaan gaggeeffamee hojii qabatamaa keessas galamee jiraachuu himuun, motorri karoora Of-Danda’uu kallattiiwwan gurguddoo kaa’aman milkeessuuf gargaaranis adda bahuun kennamuu dubbataniiru.
Ogummaafi Interpirunershiipii, Maashinariifi teeknoloojii, Faayinaansii, Humna Qusannaaf liqeeffannaa cimsuu galii guddisuu, damee hunda gara Industiraalummaatti ceesisuun Oomishtummaa guddisuu, Haaromeefi Magaalomuu lafa qabsiisuun Motoroota Karoora Of-Danda’uu ta’uun kan adda ba’an ta’uus hubachiisaniiru.
Galmi keenya hojii hunda yaadama Ida’amuuutiin masakuun gara Industiraalummaatti ceesisuudha kan jedhan Obbo Hayiluun, galma kana sadarkaa karoorfameen oliin milkeessuufis maree bal’aan gaggeeffamee wal hubannoorra ga’uun danda’amuu ibsuun, motora kanneenin kallattiiwwan kaa’aman milkeessuun waggoota Shanan dhufan keessatti, Itoophiyaa dinagdeen utubuu, hawaasummaan dursuu, nageenya Oromiyaa mirkaneessuun, nageenya Itoophiyaa hoogganuuf waliigalteerra ga’uun hojii qabatamaa keessa galamee jiraachuu eeran.
Nageenyaan wal qabatee gocha badii humni Tsimdoo Godina Kibba Bahaa Oromiyaa, Aanaa Shirkaatti raawwateen uummata miidhame deebisaanii dhaabuufi olaantummaa seeraa mirkaneessuu irratti hojiin hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
Karoora Imala Badhaadhinaa eegalleen boqonnaa haaraa saaqamaa jiru duubatti deebisuu humnoonni dadhaban gurmaa’anii hojii Shororkeessummaa irratti bobba’an gocha isaanii fashaleessuuf hojjetamaa jiraachuu eeruun, Shaneen humnoota Tsimdoo waliin qindaa’uun Oromiyaa keessatti gocha shororkeessummaa raawwachaa turteefi jirtu, mootummaan hordofee bakkoota garaagaratti fashaleessuun tarkaanfii cimaan irratti fudhatamaa jiraachuu himaniiru.
Haa ta’u malee, Onkololeessa 14/2019 Godina Kibba Bahaa Oromiyaa, Aanaa Shirkaa Ganda Birboo Colleetti humnoonni kun uummata of ittisuu hin dandeenye irratti haleellaa raawwachuun gara jabina dorgomaa hin qabne agarsiisuu dubbachuun, gocha badii kanaanis, lubbuun lammilee nagaa haala sukkanneessaa ta’een darbuu, qabeenyi uummataafi mootummaa gubachuufi lammileen qe’eefi qabeenya isaanirraa buqqa’uus ibsaniiru.
Kanaan wal qabatee hojii Oppireeshiniifi olaantummaa Seeraa mirkaneessuu fudhatameen, namoonni 73 to’atamanii qorannoon irratti gaggeeffamaa kan jiru ta’uufi Gandoota 6 humni Tsimdoo keessatti of mul’isu qulqulleessuun danda’amuu kaasaniiru.
Mootummaan harka tokkoon tarkaanfii olaantummaa seeraa mirkaneessu fudhachaa, harka biraan hojii uummata buqqa’e damdamachiisuu hojjechaa jiraachuus ibsuun, namoota qe’ee isaanii irraa buqqa’aniif deeggarsi namoomaa taasifamaa jiraachuus obbo Hayiluun dubbataniiru.
Kunis namoota yaaliifi deeggarsi dursaa barbaachisu addaan baasuun kan raawwatameefi dhiyeessiin nyaataa xiyyeeffannoon geggeeffamaa kan jiruu ta’uu kaasuun, hojiin qe’eefi qabeenya isaaniitti deebisuus hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Hojii olaantummaa seeraa kabachiisuufi dandamachiisuu cinaatti, mariin uummataa sadarkaa sadarkaan gaggeeffamee jiraachuufi maree gaggeeffameenis uummanni gocha badii humnoota Tsimdoo tokkummaan hadheeffatee balaaleffachuu dubbachuun, Mootummaan Naannoo Oromiyaa humnoota Tsimdoo irratti tarkaanfii fudhachaa jiru cimsee kan itti fufu ta’uu hubachiisaniiru.
Uummanni keenya odeeffannoo dhugaa hin taane, namoonni miidiyaalee hawaasaa garaagaraa fayyadamuun tamsaasan irraa akka of eeguu dhaamuun, namoonni jibba tamsaasan, walitti bu’insa afarsan ergamtoota diinota biyya keenyaa ta’uu hubachuun barbaachisaa akka ta’e himaniiru.
Kanaaf yeroo murteessaa keessatti argamnu kanatti uummanni Oromoo tokkummaa keessoo isaafi hariiroo obbolummaa sabaaf sablammoota waliin qabu daran cimsuun shira diinota seenaa Itoophiyaa maseensuun injifannoo aarsaa qaaliin argame tiksaa waloon fuula duratti tarkaanfachuu akka qabu Obbo Hayiluun dhaamaniiru.