Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa har’a eegalamu

Finfinnee, Fulbaana 6, 2018 (FMC) – Taphoonni Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara 2025/26 har’a eegalamu.

Taphoota bara kanaarratti kilaboonni 36 ni hirmaatu.

Piriimeer Liigiin Ingiliiz kilaboota 6 hirmaachisa.
Taphoonni bara kanaa tapha har’a halkan sa’aatii 1:45 eegalee tapha Atileetikoo Bilbaa’oon Arsenaal keessummeessuun eegalama.
Akkasumas halkan sa’aatii 4:00 eegalee Riyaal Maadriid – Olompiik Maarsee, Juuveentuus – Boorishiyaa Doortumand, Tootenhaam – Viiyaariyaal, fi Beeneefikaan – Kaaraabaag waliin taphatu.

Taphoonni marsaa jalqabaa kunneen har’aa eegalee hanga Kamisaatti taphatamu.

Kilaboota 36 keessaa kanneen 1ffaa hanga 8ffaa bahan kallattiin gara moo’atanii darbuutti kan makaman yoo ta’uu, 9ffaa – 24ffaatti warreen bahan ammoo tapha deebii waliin taphatu.

Waliigalaan Shaampiyoonsi Liigiin Awurooppaa bara kanaan taphoonni 189 ni taphatamu.

Riyaal Maadriid yeroo 15, AC Miilaan yeroo 7, Liiverpuul yeroo 6, akkasuma Baayerni Muunik yeroo 6 waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa injifataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.