Xumuramuu Hidha Haaromsaa sababeeffachuun Godinaalee Oromiyaatti mariin paanaalii gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Fulbaana 6, 2018 (FMC) – Xumuramuu Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa sababeeffachuun Godinaalee fi Magaalota Oromiyaa garaagaraatti mariin paanaalii gaggeeffamaa jira.
Haaluma kanaan Godinaalee Shawaa Lixaa, Iluu Abbaa Boorii fi Magaalaa Baatuutti mariin paanaalii gaggeeffamaa jira.
Marichaan Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaa Ashaaraa dhaloota hundaa fi Birmadummaa Itiyoophiyaa kan mirkaneesse ta’uu ibsameera.
Bulchaan Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataan maricharratti, Hidhi Haaromsaa Injifannoo birmadummaa Itiyoophiyaa kan mirkaneessee fi Ashaaraa dhaloota hundaati jedhan.
Bulchaan godina Iluu Abbaa Boor obbo Indaalkaachoo Tafarii gamasaanii, hidhichi Siidaa tokkummaa ummata Itiyoophiyaa ta’uus dubbatan.
Magaalaa Baatuuttis Sagantaan beekamtii hirmaannaa Hidha Haaromsaa fi mariin paanaalii gaggeeffamaa jira.
Hoggantoonni magaalichaa fi kutaaleen hawaasaa maricharratti argamaniiru.
#Oromia #Ethiopia