Gantummaa Seenaan hin dagannee fi Cichoomina Itiyoophiyaanootaa
Finfinnee, Onkololeessa 24, 2019 (FMC)- Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa birmadummaa fi tokkummaa biyya isaa eeguu bira darbee, michuu misoomaa ta’uun akkasumas, tajaajila hawaasummaa keessatti hirmaachuun ummataaf dhaabbachuu isaa hojii qabatamaan mirkaneesseera.
Raayyaa gootummaa fi ummata irraa madde kanaaf kabajaa fi galata malu kennuun osoo barbaachisuu, gantummaan irratti raawwatamuun hedduu nama gaddisiisa.
Gantummaan Onkoloolessa 24 bara 2013 gareewwan gantootaan ABUT tasa Raayyaa Ittisa Biyyaarratti irratti raawwatame, gocha seenaa keessatti gonkumaa hin irraanfatamne ta’ee galmaa’eera.
Haaluma kanaan Onkololeessi 24, guyyaa Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa birmadummaa biyya isaa eeguuf tattaaffii cimaa taasisaa turetti, gantummaa seenaan hin dagatamne gareewwan gantootaan irratti raawwatamee fi ciminaan keessaa ba’uu isaa itti yaadatamuudha.
Raayyaan Ittisa Biyyaa waggoota dheeraaf nageenya ummataa, daangaa biyyaa fi hojiiwwan misoomaa deeggaruun tajaajilaa ture, gareewwan gantoota keessa jiraniin gochi suukanneessaa fi gantummaan seenaa keessatti hin irraanfatamne irratti raawwatame kun bara baraan yaadatama.
Gochi guyyicha raawwatame, gocha namoomummaa fi naamusa waraanaa kamiyyuu hin hordofne, gocha gara jabinaati.
Raayyaan Ittisa Biyyaa kabajaa fi birmadummaa biyya isaa, akkasumas jaalalaa fi kabaja lammiilee isaatiif jecha aarsaan kaffale gonkumaa kan dagatamuu miti.
Ummanni Itiyoophiyaa gocha gara jabinaa kana balaaleffachuun, Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa dhaabbachuun, raayyaan kun utubaa biyyaati jechuun deeggarsaa fi antummaa isaa qabatamaan agarsiiseera.
Ummanni gocha gantootaa kanaan gaddaa fi miiraa addaa keessa galuun, garee badiisaa biyya diiguuf socho’e qolachuu danda’eera.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadis dirree waraanaatti bobba’uun biyya isaanii badiirraa baraaruunis qaama seenaa kanaa ture.
Haaluma kanaan Onkoloolessa 24 yeroo yaadannu, miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa fi lammiilee guyyaa sana lubbuu isaanii dhabaniif kabaja malu kennuun, gantummaan akkasii kaayyoo biyya diiguuf qophaa’e ta’uu isaa dhaloonni akka hubatu gochuun, gochi akkanaa deebi’ee akka hin raawwatamne hojjechuun barbaachisaadha.
Qaamni kamuu Raayyaa Ittisa Biyyaatiif kabajaa fi jaalala malu kennuun, itti gaafatamummaa biyyaalessaa irra eegamu bahachuu qaba.
Birmadummaa, nageenyaa fi tokkummaa biyyaleessaa tikfachuufis seenaa darbe irraa barachuun dhaloota itti aanuuf biyya nagaa fi tasgabbii qabdu dhaalchisuun murteessaadha.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #Mul’ataGudda
Tsahaay Gulummaatiin.