Fana: At a Speed of Life!

Xumuramuu Hidha Haaromsaa ilaalchisee Godinaalee fi Magaalota Oromiyaatti mariin Paanaalii gaggeeffame

Finfinnee, Fulbaana 6, 2018 (FMC) – Xumuramuu Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa sababeeffachuun Godinaalee fi Magaalota Oromiyaa garaagaraatti mariin paanaalii gaggeeffame.

Haaluma kanaan Godinaalee Arsiia Lixaa fi Magaalaa Asallaatti mariin paanaalii gaggeeffamaa jira.

Marichaan Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaa Ashaaraa dhaloota hundaa fi Birmadummaa Itiyoophiyaa kan mirkaneesse ta’uu ibsameera.

Itti Aanaan Pireezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii, Af yaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’adaa Abdurhaman fi Hoggantootni naannichaa marii Paanaalii Magaalaa Asallaatti gaggeeffamerratti argamaniiru.

Mariin kun Godina Arsii Lixaattis kan gaggeeffame yoo ta’u, Qormaatilee hedduu keessa darbuun ijaarsa hidhichaa mirkaneessineerra jedhan Bulchaan Bulchiinsa Godinichaa obbo Ahimad Hajjiin.

Ummanni tokkoome piroojektoota kamiyyuu milkeessu akka danda’u agarsiiftuudha jedhan.

Godinicha Birrii miliyoona 400 fi miiliyoona 86 fi kuma 800 ol gumaachuu kaasan.

Jamaal Kadiroo fi Miidhagsaa Qachaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.