Weellisaa Mahaammud Ahimad waancaafi kaabbaa kabajaa badhaafame
Finfinnee, Fulbaana 10, 2018 (FMC) – Dorgommii xumuraa moo’aa moo’attootaa marsaa 5ffaa Faanaa Laamroot irratti weellisaa Mahaammud Ahimadiif badhaasni waancaafi kaabbaa kabajaa kennameefiira.
Dorgommii xumuraa moo’aa moo’attootaa marsaa 5ffaa Faanaa Laamroot haala ho’aa ta’een gaggeeffamerratti weellisaa Mahaammud Ahimad keessummaa kabajaa ta’uun argameera.
Faanaa Miidiyaa Korporeeshin weellisicha waancaa fi kaabbaa kabajaa badhaaseera.
Saganticharratti Mahaammud Ahimad ergaa dabarseen, dorgomtoonni namaaf ulfina kan kennanii fi hojii isaaniitti akka jabaatan hubachiiseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.