Gahumsi raayyaan ittisaa amma irra jiru qaamolee jiraachuu Itiyoophiyaa hin barbaanneef ergaa kan dabarsudha- Pirezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee
Finfinnee, Fulbaana 10, 2018 (FMC) – Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen gahumsi raayyaan ittisaa amma irra jiru qaamolee jiraachuu Itiyoophiyaa hin barbaanneef ergaa kan dabarsudha jedhan.
Pirezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen dhiyeessummaa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin wayita qondaalota waraanaa olaanoo muudan akka jedhanitti, muudamichi cimina hojii, amanamummaafi jabina argisiisaniif kan kennamedha.
Loltummaan ogummaa guddaa birmadummaa biyyaafi kabaja uummataaf lubbuu dabarsanii kennuuf waadaan itti seenamu ta’uus ibsaniiru.
Raayyaan ittisaa yeroo kamiyyuu caalaa biyyaafi uummata tajaajiluuf qophii ta’uu eeraniiru.
Gahumsi raayyaan ittisaa amma irra jiru qaamolee jiraachuu Itiyoophiyaa hin barbaanneef ergaa kan dabarsu ta’uus dubbataniiru.
Jabaachuun raayyaa ittisaa gama hundaan of danda’uu akkasumas teeknooloojiifi ogummaan dursanii argamuu akka ta’e ibsuusaanii TOI gabaaseera.
Qaamolee raayyaan ittisaa teeknooloojii barri irra gaheen akka walsimuuf hojjetan galateeffataniiru.
Daandiin Itiyoophiyaa nageenya, misoomaa fi badhaadhina ta’uu kaasanii, qaamoleen daandii kana gufachiisuu barbaadan irra deddeebiin itti yaaduu akka qaban hubachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.