Poolisiin Eegumsa Galaanarraa fi Daangaawwan isaa Hara Nigaat irratti hojii eegale
Finfinnee, Fulbaana 13, 2018 (FMC) – Komiishinarri Jeneraalaa Komiishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’el Poolisiin Eegumsa Galaanarraa fi Daangaawwan isaa Hara Nigaat irratti hojii eegaleera jedhan.
Komiishinarri Jeneraalaa Dammallaash Gabramikaa’el akka jedhanitti, dhaabbanni poolisii yakka dursanii ittisuufi wayita raawwatamu gahumsaan qorachuu dandeessisu ijaaramaa jira.
Poolisiin nageenyaafi tasgabbii lammiilee haala amansiisaa ta’een eeguuf gurmaa’iinsa garaagaraa uumuun itti gaafatamummaa isaa haalaan bahachaa akka jirus ibsaniiru.
Nageenya qaamolee bishaanii mirkaneessuuf kan dandeessisu Poolisiin Eegumsa Galaanarraa fi Daangaawwan isaa( Koostaal Gaardi) gurmaa’uu yaadachiisanii, Hidha Haaromsaa Hara Nigaat irratti hojii isaa eegaluu beeksisaniiru.
Koostaal Gaardi bidiruuwwan ammayyaa kan hidhate ta’uu kaasanii, bidiruuwwan kunneen yaaddoowwan nageenyaa haroowwaniifi qaamolee bishaanii biroorratti mudachuu danda’an ittisuufi gahumsaan deebii kennuuf kan dandeessisan ta’uus hubachiisan.
Miseensonni Poolisii Federaalaa Koostaal Gaardi damichaan leenjii gahaa kan argataniifi beekamtii idil-addunyaa kan qaban ta’uu ibsuusaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.