Fana: At a Speed of Life!

Faanaa Miidiyaa Korporeeshin manneen jireenyaa namoota harka qalleeyyiif ijaarsise dabarsee kenne

Finfinnee, Fulbaana 14, 2018(FMC)- Faanaa Miidiyaa Korporeeshin manneen jireenyaa namoota harka qalleeyyiif Bulchiinsa Magaalaa Wandoo Gannatitti ijaarsise dabarsee kenneera.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Faanaa Miidiyaa Korporeeshin obbo Admaasuu Daamxoon manneen kanneen namoota harka qalleeyyiif dabarsanii kennaniiru.

Faanaa Miidiyaa Korporeeshin odeeffannoo hawaasa biraan gahuu dabalataan itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahachuuf hojiilee hedduu hojjechaa akka ture obbo Admaasuun yaadachiisaniiru.

Hojiin ijaarsa manneen namoota harka qalleeyyii kunis qaama kanaa ta’uu kaasaniiru.

Guyyaa sagantaan Ashaaraa Magariisaafi tajaajilli tola ooltummaa gannaa sadarkaa biyyaatti eegalamerraa kaasee dhaabbatichi arjooma dhiigaa, dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaafi haaromsa manneen namoota harka qalleeyyii irratti hirmaachaa akka jiru eeraniiru.

Faanaa Miidiyaa Korporeeshin sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magariisaa waqtii gannaa bara 2017 Magaalaa Wandoo Gannat gaara Noolee irra biqiltuu kuma 3 ol dhaabuu yaadachiisaniiru.

Biyyi kan ijaaramtu waldeeggaruun, waliif yaaduun fi waltumsuun ta’uu kaasanii, Faanaa Miidiyaa Korporeeshinis ibsituu Itiyoophiyaanotaa kan ta’e duudhaa waldeeggaruu itti fufsiisuun itti gaafatamummaa hawaasummaa bahachuu isaa akka itti fufu hubachiisaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalichaa obbo Huseen Kadir gama isaaniin, hojiin tola ooltummaa Faanaa Miidiyaa Korporeeshin fakkeenya wal gargaaruu, wal deeggaruufi wal tumsuu ta’uu dubbataniiru.

Duudhaa wal deeggaruufi wal gargaarsaa akka kanaa itti fufsiisuun barbaachisaa ta’uu ibsan.

Heebroon Waaltaawutu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.