Haalli mijataan uumame Irreechi Hora Harsadee duudhaa isaa eegee akka kabajamu gargaare – Hirmaattota
Finfinnee, Fulbaana 25, 2018(FMC)- Haalli mijataan uumame Irreechi Hora Harsadee duudhaa isaa eegee bifa miidhagaa fi hawwataa ta’een akka kabajamu gargaare jedhan hirmaattonni.
Hojiileen naannawaa Hora Harsadee fi misoomni Koriidarii magaalaa Bishooftuutti hojjetaman Irreechi Harsadee haala miidhagaa fi duudhaa isaa eegeen akka kabajamu shoora olaanaa bahachuu dubbatan.
Naannawaa Hara Harsadeetti hojiileen misoomaa hojjetaman raajii fi Irreechaaf naatoo addaa ta’uu ibsan.
Irreechi bara kanaa duudhaan tokkummaa, nageenyaa, galateeffannaa, obbolummaa fi walummaa haalaan kan itti mul’ate ta’uu eeran.
Bulchiinsa magaalaa Bishooftuu, Magaalaa Finfinnee fi mootummaa Oromiyaa, akkasuma mootummaan Federaalaa hojii hojjetaniif galata olaanaa qabna jedhan.
Ayyaanni Irreechaa Harsadeetti mata duree “Irreecha Olka’iinsa Biyyaaf” jedhuun keessummoota hedduu hirmaachisuun haala ho’aa ta’een kabajameera.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.