Fana: At a Speed of Life!

Irreecha Hora Harsadee ulfoo keessanitti ulfina waan hortaniif galatoomaa – Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Fulbaana 25, 2015 (FMC) – Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo shimallis Abdiisaa Irreechi Hora Harsadee karaa ulfinaa fi dudha isaa eegeen akka kabajamuu ga’ee taphataniif uummata galateeffatan.
Guutuun ergaa isaaniis akka itti aanutti dhiyaateera.
Yeroon kennaa uumaati. Asaasa uumaatiin hogganamee seera uumamaatiinis qajeelfamee maree dhufee maree kan darbudha.
Oromoon beekumsa xabboo muuxxannoo jireenyaan horachaa dhufe itita beekumsaa kuufameenis dhaha mataa isaa ijaarratee ilaalcha Addunyaawaa kan ofiisaa horatee Waaqa yeroo maree fidee maree dabarsu dukkana Gannaa hulluuqee Booqaa Birraatti galateeffata.
Galateeffannaan kun isaaf duudhaafi aadaa isaati. Kanaan baatubaatee hooddatee; bara haaraatti milkii qajeelfatee wayyooma lallabee heeraafi seeraan bulaa kan dhufe saba wayyuudha.
Har’as waggaa haaraa bara 2018 Ganna hulluuqee Ifa Birraa simachuun gamtaan timmisee Hora Harsadeetti Irreeffachuun uumaasaa galateeffatee, nagaafi tokkummaasaa jabeeffateefi wayyooma bara haaraa lallabuun Irreechaan milkii qajeelfateera.
Akka naannoofi biyyaattis barri 2018 bara gara ifa qabatamaatti olka’iinsaan jalqabnetti Irreechis olka’iinsa biyyaaf wayyooma ta’uu nagaa, jaalalaafi tokkummaa labsuun waan eegalchiiftaniif galatoomaa!
Kabajamtoota uummata keenyaa!
Irreechi seeraaf sirna qabaachuu; duudhaaf safuun masakamuusaa maatiin Diinqatti, gosaan Borootti sabaan Malkaatti miliyoonota wajjin Irreeffachuun dhugeeffannaan Oromoo adda argatee ayyaantummaasaas mul’iseera. Kanaanis Oromoon Kaabaa Kibbaa Bahaa Lixaa timmisee saboota obbolaasaafi jaallattootaaf dinqisiiffattoota Irreechaa waliinis akka Urjii ifee Irreechi qabeenya guddaa Addunyaa ta’uu gochaan mul’iseera.
Kabajamtoota uummata keenya falaasama guddaa akka galaanaa horannee, itita aadaa muuxannoo jiruufi jireenya hunda qajeelchus gonfannee saba guddaa hamma jedheefi bakka jedhe ga’u taanee karoora qabanne akka milkeessinu galma yaadnes akka geenyu shakkii hin qabu.
Akkuma Muummichi Ministeraa kabajamoo Dr Abiy Ahimad jedhanitti nuyi warra Malkaa qabuu warra mataa qabu kaan gorsaa kaaniif obsaa wareegama kaffallee seenaa hojjechaa warra as geenyedha. Ammas fuulli keenya durri ifa qabatamaafi Olka’iinsa amansiisaadha. Ni qoramna ni injifanna; ni hojjennaa ni milkoofna.
Dhugaa qabannee uumaa galateeffachaa waan imalluuf Waaqni uumaa keenyaas nu gargaara.
Duudhaa keenya olqabnee tokkummaa keenyas jabeessinee galma akeekne Oromiyaa ijaaruu, Itoophiyaa utubuufi gaanfa Afriikaa tasgabbeessuu irraa humni nu ittisuu danda’u hin jiru.
Imalli keenya haqaan masakamee qabsoon keenyas injifannoon ichimamee galma keenyaaf waloon cichineerra. Waaqni keenyas irreeffannee akka ofkallu, ofkallee akka wayyoomnu taasiseera.
Hundaa ol Irreechi seeraafi sirnasaa eeggatee duudhaafi safuu ganamaan akka kabajamuuf qaamolii tumsaafi deeggarsa taasisan hundaaf Mootummaan Naannoo Oromiyaa galata dhiyeessa.
Bulchiinsi magaalaa Bishooftuu, jiraattootniifi qaamoliin nageenyaa keessummaa simachuufi nageenya naannichaa tiksuun jaalala dhugaa gochaan dabaalame waan mul’iftaniif galatoomaa.
Abbootiin Gadaafi Haadholiin Sinqee ulfoon Irreechaa ulfina isaaf malu argatee ho’inaan akka kabajamuuf gorsaafi qajeelfama sirna Irreechaa kennuun milkaa’inni hunda keenya boonse akka galma ga’u waan taasiftaniif kabaja argadhaa.
Dargaggootnis seera Gadaan qajeelfamtanii duudhaa ganamaan masakamuun milkaa’ina agarsiiftan hundaaf galatni koo guddaadha.
Haayyootni beekumsaafi ogummaa qabdan osoo hin qusatin gama hundaan duudhaa keessan olkaasuuf hojjettanis galatni keessan guddaadha.
Miidiyaaleen biyya keessaafi alaa sirna kabaja Irreechaa suuraafi sagaleen deeggartanii seenaa dhugaasaa ragaan tumsitanii walooma kan ijaaru, dinagdee kan humneessu, jiddugala ga’umsa Turistootaa hawwataafi duudhaa ganamaa olka’iinsa biyyaa utubu ta’uu mul’istanii waan agarsiiftaniif galata argadhaa.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Irreechi dhugeeffannaa Oromoo duudhaaf aadaa ganamaa walharkaa fuudhinsa dhalootaan as ga’e sirna jabaa ta’uusaa qorannoofi qu’annoon ichimamee beekumsaan masakamee Dhaabbata Barnootaa Saayinsiifi Aadaa Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO)-tti akka galmaa’uuf imala eegalame kutannoon kan milkeessu ta’uu carraa kanaan mirkaneessuun
barbaada. Kanaafis haaromsi aadaa eegalame roga hundaan cimee itti fufa.
Sabootni, sablammootni, uummattootniifi keessummootni biyya keessaafi alaa gammachuun keenya gammachuu keessan ta’uu sirna kabaja Ayyaana Irreechaa irratti argineerra. Jaalala obbolummaa dhugaa gocha gaarii nuuf gochuun nu waliin dhaabbataniif Mootummaan Naannoo Oromiyaa dinqisiiffannaa olaanaa isiniif qaba.
Akkuma Irreecha araaraafi safuun simannee nagaafi jaalala buufnee irreeffachuun milkoofnetti walooma keenya gabbifnee haaromsa aadaa fiixaan baasaa misooma keenyas cimsuun galma waloof akka hojjennu waamichakoon dhiyeessa.
Oromiyaa ni ijaarra,
Itoophiyaa ni utubna,
Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina
Waaqayyos nu gargaara!
Shimallis Abdiisaa: Pirezidaantii MNO
Fulbaana 2018
Finfinnee

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.